Komishiniin Marii Biyyaalessaa naannoo Gambeellaatti adeemsa ajandaa walitti qabuu jalqabe

Adoolessa  22/2016(TOI) -Komishiniin Marii Biyyaalessaa naannoo Gambeellaatti filatamtootaa fi qaamolee qooda fudhatoota hirmaachisuun adeemsa ajandaa walitti qabuu jalqabe.

Adeemsa ajandaa walitti qabuu  kana irratti naanicha godina fi aanaalee hundaarra akkasuma magaalaa Gambeellarraa kan walitti dhufan bakka buutonni hawaasaa 1300 fi qaamoleen qooda fudhatoonni biroon hirmaacha jiru.

Komishinarri komishiinii marii biyyaalessaa Malaakuu Waldamaaryaam komishiinichi waggoota darban marii biyyaalessaaf hojii hedduu hojjecha turuu himaniiru.
 
Adeemsa ajandaa adda baasuurratti hawaasa kanneen bakka bu'an naannooleerra adda baafama turuu beeksisaniiru.

Komishiiniin Marii Biyyaalessaa dhaabbata uummata Itoophiyaa  bilisaa fi walabaa ta'ee hundaa'uun uummata tajaajiala jiru ta'uu himanii; gara fuula duraattis galma hundaa'eef milkeesuuf jabaatee kan hojjeti ta'uu hubachiisaniiru.

Komishiinichi yeroo amma adeemsa ajandaa walitti qabuu jalqabuu himanii, naannoo Gambeellaattis har'a irraa eegalee guyyoota torba dhufanitti adeemsi ajandaa walitti qabuu ni raawwatama jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015