Manni maree naannoo Affaar yaa’ii idilee taa’een muudamoota addaddaa raggaasuun xumurame

Adoolessa 22/2016(TOI)- Manni maree naannoo Affaar yaa’ii idilee 6ffaa guyyoota sadan darban taa’een muudamoota addaddaa raggaasuun xumurameera.

Manni marichaa muudamoota armaan gadii bulchaan bulchiinsa naannichaa Awwal Arbaa dhiheessan raggaasuun xumurameera.

1/ Adde Eyishaa Yaasiin – Hooggantuu biiroo Industirii fi Invastimantii naannichaa

2/ Obbo Ahimad Abduqaadir – Hoogganaa daldalaa fi misooma gabaa naannichaa

3/ Obbo Umur Nuur Arbaa – hoogganaa bulchiinsa lafaa naannichaa

4/ Obbo Ibraahim Umad –Hoogganaa biiroo Tuurizimii naannichaa

5/ Obbo Ibraahim Mahaammad – Hoogganaa biiroo beelladaa fi misooma qabeenya Qurxummii naannichaa

6/ Obbo Ahimad Ibraahim – Hoogganaa biiroo dargaggootaa, aadaa fi Ispoortii ta’uun muudamaniiru.

Kanneen Kanaan dura muudamanii hojiirra jiranii fi muudamnisaanii mana mareetiin har’a ragga’e -

1/ Obbo Ismaa’iil Mahaammad Alii – Hoogganaa biiroo Haqaa naannichaa

2/ Obbo Mahaammad Alii-Hoogganaa tajaajila komunikeeshinii mootummaa naannichaa

3/ Adde Faaxumaa Mahaammad – Hooggantuu biiroo dubartootaa fi dhimma hawaasummaa naannichaa ta’uunsaanii beekameera.

Akkasumas Sadarkaa itti aanaatti bakka bu’ummaan kan moggaafamanii fi ittigaafatamni guutuun kennameefii bakkichatti kan muudaman ammoo-

1/ Obbo Gaddoo Hamooloo – Sadarkaa hoogganaa biirootti ittaanaa hoogganaa biiroo nageenyaa fi tasgabbii

2/ Obbo Saanii Mahaammad – Ittaanaa bulchaa godina Awusii Rasuu ta’uun muudama kennamu raggaasuun xumurameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015