Ambaasaaddar Misgaanuu Araggaa bareessaa olaanaa dhimma alaa fi diyaaspooraa Keeniyaa waliin mari'atan

Adoolessa 22/2016(TOI) - Ministir deetaan ministira dhimma alaa Itoophiyaa ambaasaaddar Misgaanuu Araggaa barreessa olaanaa dhimma alaa fi diyaaspooraa Keeniyaa Doktar Karaar Singooy waliin dhimmoota waloo biyyoota lamaanii fi naannawwaarratti mari'atan.

Ambaasaaddar Misgaanuu Araggaa jila Keeniyaa barreessa olaanaa dhimma alaa fi diyaaspooraa Keeniyaa Doktar Karaar Singooyin durfamu waajjira isaaniitti simachuun waliin mari'ataniiru.

Marii isaaniin dhimmoota waloo fi naannawwaa kan fayyadamummaa waloo cimsuu kan dandeesisan irratti mari'ataniiru.

Ambaasaaddar Minsgaanuun Itoophiyaa fi Keeniyaan walitti hidhamsaa naannaawwaa jiru caalaatti cimsuun walitti dhufeenya damee dinagdeerratti qaban guddisuun haala danda'amurratti jila Keeniyaa dhufee kana waliin mari'achuu Odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaarra argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015