Biqiltuu dhaabuun gocha biyya dhaabuu fi dhalootaaf kennaa dhaaluudha-Ittaanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa

Adoolessa 23/2016(TOI)- Biqiltuu dhaabuun gocha biyya dhaabuu fi dhalootaaf kennaa dhaaluu akka ta’e Ittaanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan.

Ittaanaan ministira muummee pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, ministira qonnaa doktar Girmaa Amantee, fi hoogantoota biroo fi kutaalee hawaasaa garagaraa waliin ta’uun Bishooftuutti biqiltuu dhaabaniiru.

Ittaanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa wayita kana ergaa dabarsaniin, sagantaan ashaaraa magariisaa hojii Itiyoophiyaan addunyaarratti beekamtii itti argattedha.

Bara kana biqiltuu biiliyoona 7 tuqaa 5 dhaabuuf karoorfamee amma ammaatti biiliyoona 5 tuqaa 4 caalu dhaabuun akka danda’ame dubbataniiru.

Qabeenyi bosonaa Kanaan dura ture eegumsa dhabuun xiqqaachaa dhufuu eeranii, misoomni amma jalqabame Itiyoophiyaa magariisa itti uwwisuudha jedhaniiru.

Sagantaan ashaaraa magariisaa jalqabame eegumsa qabeenya uumamaa, tuurizimii, myaataa fi tajaajiloota biroof qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Dargaggoonni biqiltuu biqilchaa fi dhaabaa jiran damma baasuu fi kaarboonii gurguruun fayyadamaa akka jiran kaasanii, biqiltuu dhaabuun ijoollee keenya idaa osoo hinta’iin kennaa dhaalchisuuf qophoofneera jedhaniiru.

Biqiltuu dhaabuun tarkaanfii gaarii biyya dhaabuu waan ta’eef fuulduratti dhaabuu fi kunuunsuu qbna jedhaniiru.

Naannoo jireenyaaf mijeessuu, miidhagaa fi magariisa gochuun Bishooftuu hawata Tuurizimii gochuu qabna jedhaniiru.

Oirezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa, waggoota darban naannichatti hojiin ashaaraa magariisaa dinqisiisoon hojjetamuu ibsaniiru.

Baranas biqiltuun hedduun amma ammaatti dhaabamuu eeranii, ummanni hirmaannaa gochaa waan jiruuf bu’aan guddaan argamaa jira jedhan.

Misoomni magariisaa biyya balaa uumamaarraa eeguu fi biyya fooyyaatuu dhaloota dhufuuf ijaaruuf qooda olaanaa akka qabu kaasaniiru.

Hojiin kooriidaraa fi misooma magariisaa Bishooftuutti jalqabame magaalattii hawattuu Tuurizimii taasisuuf hojii jalqabame kan milkeessu ta’uu ibsaniiru.

Kantiibaan magaalaa Bishooftuu Alamaayyoo Asaffaa, miidhagina magaalattii eeguu fi hawattuu Tuurizimii taasisuuf hojiileen misoomaa hedduun hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiinis biqiltuuwwan miiliyoona 8 tuqaa 4 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015