Ministeerrii Fayyaa fi dhaabbileen itti waamamtoonni isaa sagantaa ashaaraa magarsiisaan biqiltuu dhaaban

Adoolessa 23/2016(TOI) - Hoggantoonnii fi hojjetoonnii Ministeera Fayyaa fi Dhaabbilee itti waamamtoota isaa Hospitaaaa Ispeeshaalayiziid Kompireesivii Alaarti keessa biqiltuu dhaabuun ashaaraa magariisaa isaanii kaa'aniiru.

Ministirri fayyaa doktar Maqdas Dhaabaa wayita kana akka himanitti; sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaan Ministeerri Fayyaa fi dhaabbileen itti waamamtoonni isaa qindoominaan biqiltuu kuma 500 dhaabuuf karoorfatanii gara hojiitti galaniiru.

Guyyaa har'a biqiltuun kumni 20 dhaabamuu eeranii; biqiltoonni kunneen dhiibbaa jijjirama qilleensaa ittisuu akkasuma nyaata fi qorichaa aadaaf kan oolaan ta'uu himaniiru.

Sagantaan ashaaraa magariisaa naannaawwaa mijataa jireenyaaf toluu uumuuf, dhukkuba dursanii ittisuuf hojii hojjetamu milkeesuuf gahee olaanaa kan qabu ta'uu eeranii hawaasnii hojii biqiltuu dhaabuu fi kununsuurratti hajjechaa jiru caalaatti cimsuu akka qbu dhaamaniiru.

Bara kana sagantaa ashaaraa magariisaan akka biyyaatti mata duree ''Biyya dhaabdu dhaloota waaressu'' jedhuun biqiltuu biliyoona 7.5 dhaabuuf karoorfamee hojjetama jira

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015