Obbo Ashaadlii Hasan bulchaa bulchiinsa Beeniishaangul Gumuz ta’uun irra deebi’uun muudaman

Adoolessa 23/2016(TOI)-Manni maree naannoo Beeniishaangul Gumuz yaa’ii idilee 1ffaa bara hojii 1ffaa marsaa 6ffaa taa’aa jiruun Obbo Ashaadlii Hasan bulchaa bulchiinsa naannichaa gochuun irra deebiin muudeera.

Akkaataa filannoo dhiheenya naannichatti taasifameetiin Manni marichaa yaa’ii idilee 1ffaa bara hojii 1ffaa marsaa 6ffaa taa’een obbo Ashaadlii Hasan bulchaa bulchiina naannichaa gochuun irra deebiin filateera.

Adde Askaal Albooroo af-yaa’ii muummee mana maree naannichaa ta’uun yoo muudaman, obbo Mallasee Kiiwwii ammaoo ittaanaa af-yaa’ii ta’uun muudamanii mana maree duratti dhihaachuun waadaa galaniiru.

Manni marichaa ittaansuun muudama miseensota Kaabinee fi abbootii murtii akka raggaasu ni’eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015