Beenshaanguul Gumuzitti kutaaleen hawaasaa ajandaa walitti qabuurratti hirmaatan ajandaa walitti qaban Komishinichaaf dhiheessaa jiru

Adooleessa 23/2016 (TOI) - Naannoo Beenshaanguul Gumuzitti kutaaleen hawaasaa ajandaa walitti qabuurratti hirmaatanii fi qaamoleen qooda fudhatoonni ajandaa walitti qaban har'a bal'inaan Komishinichaaf dhiheessaa jiru.

Naannichatti torban darbe gaafa jimaataarraa eegalee garee 15 olitti qoodamuun kutaaleen hawaasaa adda addaa ajandaa walitti qabuurratti hirmaachaa turanii fi qooda fudhatoonni biroon hojii ajandaa walitti qabuu kana kaleessa xumuraniiru.

Ajandaa walitti qabuu kanarratti qonnaan bultoota, barsiisota, daldaltota, dubartoota, dargaggoota, hawaasa daldalaa, Paartilee siyaasaa, bakka buutota waldaalee adda addaa, namoota beekamoo fiqooda fudhatoonnii biroon hirmaataniiru.

Qaamoleen ajandaa walitti qabuurratti hirmaatan kunneen bilisaa fi karaa dimokiraatawwaa ta'een hojjechaa turu kaleessa ibsuun isaanii ni yaadatama.

Guyyaa har'aa immoo ajandaa walitti qabaa turan komishiinii marii biyyaalessaaf dhiheessaa jirachuu komishiinichatti qindeessaan naannolee, bulchiinsa magaalootaa fi diyaaspooraa obbo Rattaa Geeraa beeksiseera.

Erga sirni ajandaa walirraa fuudhuu kun xumurameen booda komishiinichi magaalaa Asoosaatti har'a ibsa kan kennu ta'uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015