Yaa'iin Dargaggoota BRICS 10ffaan tumsaa fi walta'insa damee dargaggoota biyyoota miseensa BRICS cimsuuf carraa uumeera.

Adoolessa 23/2016 (TOI) - Yaa'iin Dargaggoota BRICS 10ffaan tumsaa fi walta'insa dargaggoota biyyoota miseensa BRICS ta’an gidduu jiru cimsuuf balbala banuu Manni Maree Dargaggoota Itoophiyaa beeksise.

Jilli Pireezidaantii Mana Maree Dargaggoota Itoophiyaa Fo'aad Gaannaan durfamu yaa’ii dargaggoota BRICS 10ffaa guyyoota daraban Raashiyaa Ulyanoviisikitti gaggeeffame irratti hirmaateera.

Pireezidaantiin Mana Maree Dargaggoota Itoophiyaa Fo'aad Gaannaa; Itoophiyaan hirmaannaa yaa'ii kanarratti taasiste ilaachisuun har'a miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Ibsa isaanis; yaa'ii kanarratti Itoophiyaa dabalatee biyyoota miseensa BRICS hundarraa hoggantoonni dargaggootaafi ministeerotni hirmataniiru jedhaniiru.

Itoophiyaan BRICS erga dabalamtee yeroo jalqabaaf yaa’ii kanarratti hirmaachuu ibsaniiru.

Yaa'ii kanaan barnootaafi leenjii, saayinsii, kalaqaa fi teeknooloojii, carraa hojii uumuu, fayyaa, ispoortii fi aartii irratti mari'achuu ibsaniiru.

Yaa'ichi dargaggoonni biyyoota miseensa ta’an waltajjii tokko irratti walitti qabamanii dhimma waloo isaanii irratti mari’achuu fi carraa isaanii irratti akka mari’atan balbala baneeras jedhaniiru

Dargaggoonni dhimmoota hunda galeessa siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa biyyoota isaaniirratti dammaqinaan akka hirmaatan waltajjiichi haala mijataa kan uume ta’uus eeraniiru.

Pireezidaantiin mana maree dargaggoota Itoophiyaa Fo'aad Gannaa akka jedhanitti, yaa'iin kun tumsaa fi walta'insa biyyoota miseensa BRICS gama dargaggootaan jiru cimsuuf balbala baneera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015