Naannichaatti adeemsi ajandaa walitti qabuu karaa nagaan xumurame

Adoolessa 23/2016(TOI) - Naannoo Beenishaangul Gumuzitti marii biyyaalessaaf adeemsi ajandaa walitti qabuu geggeeffama ture karaa nagaa xumuramuu komishinarri komishiinii Marii Biyyaalessaa Zagayyee Asfaw beeksisan.

Naannichatti adeemsi ajandaa walitti qabuu xuluramuu ilaalchisee sagantaa qophaa'eerratti komishinar Zagayyee Asfaw ibsanitti naannichatti adeemsi ajandaa walitti qabuu torban tokkoof geggeeffama ture har'a xumurameera.

Adeemsa ajandaa walitti qabuu kanarratti kutaaleen hawaasa naannichaa hundii fi qaamoleen qooda fudhatoonni hirmaachuu himaniiru.

Hirmaatonni ajandaa walitti qabuu kanarratti hirmaatan miira biyyaaleessa fi antummaa biyyaan ajandaa walitti qabuu isaanii ibsaniiru.

Kunis akka biyyaatti kan nama boonsuu fi hojii komishiinichi jalqabeefis deeggarsa cimaa kan taasisudha jedhaniiru.

Milkaa'ina adeemsa ajandaa walitti qabuu kanarratti tattaaffii hojjetoota komishinarichaan cinaatti mootumman naannichaa, Yunivarsiitiin Asoosaa, tola ooltonni, qaamoleen nageenyaa fi kanneen biroon gahee olaanaa bahaniiru jedhaniiru.

Kanneen hojii kanaaf tumsa taasisanis galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015