Sagantaa ashaaraa magariisaan kaka'umsaa naannaawwaaf mijata ta'e beeksisuun dhaloota dhufu lafa magariisaa ni dhaalchifna.

Adoolessa 23/2016(TOI) - Sagantaa ashaaraa magariisaan kaka'umsaa naannaawwaaf mijata ta'e beeksisuun dhaloota dhufu qabeenya uumamaa magariisaa ta'ee fi dachee naga qabeessa ni dhaalchifna jedhan Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunee.

Obbo Tamsgeen Xurunee ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaanii qoodaniin haroowwan miira barreessaa kan haaromsaan, haala taa'umsa lafaa ajaa'ibsiisaa uumaama dinqisifachaa yeedaloo bareedaa qindeesuuf dandeesisuu, tasgabbii uumamni qabu bakka itti argan magaalaa Bishaanoftuu Bishooftuu jechuun ibsaniiru.

Ergaa isaaniin biyya dhaabdu dhaloota waaresuu mata duree jedhuun hojii ashaaraa magariisaa hojjechaa jirru Bishooftuuttis itti fufneerra jedhaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaan kaka'umsaa naannaawwaaf mijata ta'e beeksisuun dhaloota dhufu lafa magariisaa ni dhaalchifna jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015