Sirna biqiltuun ittiin dhaabamu hordofuunbiqiltuun baay’inaan akka qabatu xiyyeeffannoon hojjechuun nibarbaachisa- obbo Jaanxiraar Abbaayi

Adoolessa 23/2016(TOI)- Sirna biqiltuun ittiin dhaabamu hordofuunbiqiltuun baay’inaan akka qabatu xiyyeeffannoon hojjechuun  akka barbaachisu ittaanaa kantiibaa fi hoogganaan biiroo misooma industirii magaalaa Finfinnee obbo Jaanxiraar Abbaayi dubbatan.

Biiroon misooma Industirii Finfinnee sagantaa ashaaraa magariisaatiin kutaa magaalaa Lammii Kuraa Biqiltuu dhaabeera.

Hawaasni hojii biqiltuu dhaabuu cimsee ittifufuu akka qabu dhaaman obbo Jaanxiraar saganticharratti.

Ganna jennee osoo hindagatiin biqiltuu dhaabaman kunuunsuudhaan ittigaafatama keenya bahuu qabna jechuun hubachiisaniiru.

Ganna kana akka bulchiinsa magaalaa Finfinneetti biqiltuu dhaabuuf Karoorfame milkeessuuf ciminaan hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Biqiltuun dhaabame baay’inaan akka qabatu sirna biqiltuun ittiin dhaabamu hordofuun dhaabuudhaan ittigaafatama bahachuun barbaachisaa akka ta’e ibsaniiru.

Hojii raawwachiisaan olaanaa kutaa magaalaa Lammii Kuraa obbo Taarraqany Gammachuu, bakkeewwan addaddaatti biqiltuun dhaabamuu dubbataniiru

Kanaaf hawaasni biqiltuu dhaabuu qofa osoo hinta’iin kunuunsuun akka qabatu xiyyeeffannoo kennuu akka qabu dubbachuusaanii odeeffannoon waajjira Kantiibaa nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015