Nageenya Naannichatti argame Ittifufsiisuun hundarraa eegama-Obbo Ashaadlii Hasan

Adoolessa 23/2016(TOI)- Nageenya Naannoo Beeniishaangul Gumuuzitti argame Ittifufsiisuun qooda fudhattoota hundarraa ni’eegama jedhan bulchaan bulchiinsa naannichaa Obbo Ashaadlii Hasan.

Bulchaan naannichaa ergaa yaa’ii idilee mana marii naannichaarratti dabarsaniin furtuun rakkoo kamiiyyuu marii qofa ta’uu akka qabaatu hubachiisaniiru.

Naannichatti nageenyi akka bu’u kutannoon mootummaan agarsiise kan dinqisiifatamuu fi milkaa’aadha kan jedhan obbo Ashaadliin, nageenya naannichatti argame ittifufsiisuun qaama hundarraa eegama jedhaniiru.

Mootummaan naannichaa nageenya ittifufsiisuu fi misoomarratti xiyyeeffachuun akka hojjetu dubbataniiru.

Furtuun rakkoowwan keenyaa marii qofa ta’uu qaba kan jedhan bulchaan bulchiinsa naannichaa, paartilee siyaasaa naannicha keessatti argaman waliin dhimmoota biyyaalessaa fi naannoorratti waliin hojjechuun nibarbaachisa jedhaniiru.

Xiyyeeffannoo keenya guutuu nageenyaa fi misoomarra gochuun fayyadamummaa ummata naannichaa mirkaneessuuf nihojjenna jechuun dubbataniiru.

Mootummaan naannichaa naannolee biroo waliin tumsaan hojjechuun ijaarsa mootummaaf qoodasaa akka bahu mirkaneessaniiru.

Ittifufiinsa guddina keenyaa mirkaneessuuf humna faayinaansii keenyaa guddisuu fi hojii gibira walitti qabuuf hojjennu sirnaan bahachuu qabna jedhaniiru.

Ittifufuunis pirojektoonni jalqabaman yeroo qabameefitti akka xumuraman hordoffiin barbaachisu akka taasifamu himaniiru.

Rakkoo kenniinsa tajaajilaa dhaabilee mootummaa keessa jiru furuu figaaffilee ummataaf deebii hatattamaa kennuuf dandeettii gaggeessaa fi ogeeyyotaa gabbisuuf carraaqqiin nitaasifama jedhaniiru.

Nageenya waaraa naannichatti buusuun misooma walirraa hincinne mirkaneessuun kallattii xiyyeeffannoo mootummaa isa olaanaa ta’uu eeranii, miseensonni mana marees ittigaafatamasaanii kutannoon akka bahan waamicha taasisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015