Diimiitrii Medveedeev balaa godina Goofaatti qaqqabetti gadduusaanii ibsan

Adoolessa 24/2016(TOI)-Dura taa’aan Paartii Yuunaayitid Ruusiyaa balaa Godina Goofaatti mudatetti gadduusaanii ibsaniiru.

Dimiitrii Medveedeev ibsa gaddaa dabarsaniin balaa uumamaa naannoo kibba Itiyoophiyaa godina Goofaa aanaa Gazee Goofaa ganda Keenchoo Saachaa Goozdii uumameen namoonni du’uusaanii dhagahii kootti gaddi guddaan natti dhagahameera jedhaniiru.

Akkasumas maatilee maatii fi firoottan miidhamtootaaf jajjabina hawwanii kanneen miidhaman  dafanii akka bayyanatan hawwaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015