Manni Maree Ministirootaa yaa'ii isaa idilee 38ffaan murtee dabarse.

Adoolessa 24/2016(TOI) - Manni Maree Ministirootaa yaa'ii isaa idilee 38ffaan murtee dabarsera.

Murtii Mana marichaan darbe;

Waliigaltee deeggarsa faayinaansii wixinee labsii Waldaa Misooma Addunyaa raggaasuuf qophaa'e irratti mari'achuun murtoo dabarseera.

Waliigalteen deeggarsa faayinaansii waldaa misooma addunyaa waliin taasifamee doolaara Ameerikaa biliyoona 1.5 kan argamsiisu yoo ta'u kana keessaa doolaarri Ameerikaa biliyoonni 1 deeggarsaan, doolaarri Ameerikaa miliyoonni 500 immoo liqaan kan argamedha.

Deeggarsi faayinaansii kun hojii rifoorimii mootummaan Itoophiyaa maakiroo Ikonomii tasgabeesuuf jalqabe raawwachiisuu kan ooludha.

Keessattu carraa hojii uumuu, qaala'insa jireenyaa to'achuu, hanqina sharafa alaa furuuf, caaseffama sirreesuuf akkasuma bajata mootummaa federalaa kan bara 2017 kallattiin deeggaruuf kan ooludha jedhameera.

Manni Maree Ministirootaa sanada qophaa'erratti bal'inaan erga mari'ateen booda liqaan argame kan dhalarra bilisaa fi yeroo aara galfii waggaa 6 dabalatee waggaa 38'tti keessaatti kanfalamee kan xumuramu akkasuma haala tasimoo liqaa biyya keenyaa waliin karaa wal simuu ta'uu mirkaneesuun waliigalticha mirkaneesuun gara Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti murteessera.

+2

Like

Comment

Send

Share

 
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015