Bara bajatichaatti fayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kan kabachiisaan hojiiwwan dippilomaasii paarlaamaa hojjetamaniiru.

Adoolessa 24/2016(TOI) - Bara bajataa 2016'tti fayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kan kabachiisaan hojiiwwan dippilomaasii paarlaamaa hojjetamuu Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti itti aanaan walitti qabaa Koreen dhaabbii qunnamtii alaa fi dhimmoota nagaa Doktar Fatii Mahaadii beeksisan.

Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti itti aanaan walitti qabaa Koreen dhaabbii qunnamtii alaa fi dhimmoota nagaa Doktar Fatii Mahaadii TOI'tti akka himanitti; bara bajata 2016 hojiin dippilomaasii faydaa Itoophiyaa fi uummatoota ishee eegsisu hedduun hojjetameera.

Hojiiwwaan Dippilomaasii Paarlamaa dippilomaatoota, ambaasaaddarootaa fi miseensoota mana maree biyyoota adda addaa waliin hojjetamuu eeraniiru.

Walitti dhufeenya kannneeniin ejjennoon Itoophiyaa haala barbaadamuun ibsamuu danda'amuu fi fayidaa uummataa fi fedhii biyyaa beeksisuuf qophiin gahaan irratti taasifamee kan hojjetamanidha jedhaniiru.

Akkasuma fedhii misoomaa Itoophiyaa, nageenyaa jiraachuu fi biyyoota biroo waliin walitti dhiheenyaan hojjechuuf fedhii qabaachuu agarsiisameera jedhaniiru.

Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti iti aanaan koree dhaabbii seeraa fi haqaa obbo Isaa Boruu gama isaaniin mariiwwaan naannawwichaaf nagaa fiduu danda'an heddu irratti mari'atamuu himaniiru.

Kanaanis hojiin fayidaa biyyaalessaa fi birmadummaa Itoophiyaa kan kabachiisan hojjetamuu eeraniiru.

Hojiiwwaan dippilomaasii hojjetaman fayidaa biyyaalessaa jiddugala kan taasifatan ta'uu kan himan immoo miseensa Koree dhaabbii dhimma qunnamtii alaa fi dhimmoota nageenyaa kan ta'an obbo Moggaa Abbaabulguudha.

Hojiin dippilomaasii paarlaamaa dhimmoota burjaajii uumaan qulqulleesuun biyyoonni hubannoo fooyye qabeessa akka qabaatan kan taasisudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015