Dirreedawaatti lammiilee lafa gabaa Ashawaatti miidhaan irra gahe dhaabuuf carraaqqiin taasifamu ittifufeera-Kantiibaa Kadir Juhaar

Adoolessa 24/2016 (TOI)- Dirreedawaatti lammiilee lafa gabaa Ashawaatti miidhaan irra gahe dhaabuuf carraaqqiin taasifamu cimee ittifufuusaa Kantiibaa Kadir Juhaar dubbatan.

Ayyaanni torbee naafqoot dirreedawaa guyyaa arfaffaasaatiin mata duree “Dirreen guddummaa Itiyoophiyaaf” jedhuun waltajjiin siimpooziyeemii taa’amaa jira.

Dhaabbilee Dirreedawaatti argaman fi namoonni biyya alaa jiraatan namoota balaa lafa gabaa kanatti qaqqabeen miidhaman deebisanii dhaabuu fi hojiiwwan waldaa misooma Dirreedawaa milkeessuuf birrii miiliyoona 3 tuqaa 1 gumaachaniiru.

Kanneen keessaa abbaan warshaa Kiromtoo obbo Yoonaas Girmaayi namoota balaa lafa gabaa Ashawaa jedhamutti qaqqabeen miidhaman deebisanii dhaabuuf birrii miiliyoona walakkaa kan kennan yoo ta’u,waldaa misooma Dirreedawaafis birrii miiliyoona walakkaa kennaniiru.

Akkasumas Namni Abdusalaam Dawud jedhaman namoota balaa Kanaan miidhaman deebisanii dhaabuu fi waldaa misooma Dirreedawaaf birrii miiliyoona tokko deeggaraniiru.

Jiddaarraa kan dhufan obbo Anwaar Abdallaa gamasaaniin miidhamtoota deebisanii dhaabuuf kan oolu birrii miiliyoona walakkaa deeggaraniiru.

Baankiin Daashan milkaa’ina waldaa misooma Dirreedawaaf birrii kuma 600 deeggareera.

Kantiibaan bulchiinsa Dirreedawaa Kadir Juhaar deeggarsicha erga fudhatanii booda galateeffatanii deeggarsi miidhamtoota dhaabuuf taasifamu ittifufeera jedhan.

Qaamoleen biroof deeggarsa taasifamaa jiru fakkeenya godhachuun deeggarsa taasifamu kanarratti akka hirmaatan waamicha taasisaniiru.

Miseensonni hawaasaa Itiyoophiyaanotaa fi dhalattoonni Itiyoophiyaa, hayyoonni Yuunivarsiitii Dirreedawaa, abbootiin Industirii fi dhaabbilee daldalaa akkasumas kutaleen hawaasaa marii siimpooziyeemii kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015