Naannoo Jiddugala Itoophiyaatti mikaa'inoonni Uummata fayyadamoo misoomaa taasisaan gala'aniiru.

Adoolessa 24/2016(TOI) - Naannoo Jiddugala Itoophiyaatti hojiiwwan misoomaa uummata fayyadamoo taasisan hedduun hojjetamuu pirezidaantiin naannichaa obbo Indaashoow Xaasoo beeksisan.

Pirezidaantichi erga naannichi bifa haaraan hundaa'ee as hojiiwwan misoomaa fi bu'aawwan argaman ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin naannichatti ji'oota 11 darban hojii hunda galeessa hojjetameen bu'aan gaariin argameera jedhaniiru.

Damee Qonnaa, Turizimii fi Indastiriirratti hojiiwwaan jalqabaman cimsuun fayyadamummaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama jedhaniiru.

Naannichaatti hojiiwwaan misoomaa hojjetamanii fi gufuuwwaan mudatan ilaalchisuunis ibsa bal'aa kennaniiru.

Naannoon Jiddugala Itoophiyaa adoolessa 13/2015 godinaalee torbaa fi aanaalee addaa 3 of jalatti qabatee kan hundaa'ee yoo ta'u naannichi jiddgalaawwan torbas qaba.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015