Naannoo Amaaraatti galmeewwan kuma 334 caalaniif murteen kennameera

Adoolessa 24/2016(TOI)- Naannoo Amaaraatti manneen murtii sadarkaan jiranitti galmeewwan kuma 334 caalaniif murtiin kennamuusaa manni maree waliigalaa naannichaa beeksise.

Pirezidaantiin mana murtii waliigalaa naannichaa obbo Abbiyyee Kaasaahun raawwii karooraa baatii 11 bara bajataa 2016 yaa’ii mana mareef wayita dhiheessan akka ibsanitti, tajaajila seeraa si’ataa fi qaqqabaa taasisuuf hojjetamaa tureera.

Haala Kanaan galmeewwan manneen murtii sadarkaan jiraniin akka ilaalaman dhihaatan kuma 385 fi 143 keessaa harka 86 tuqaa 3 ta’aniif furmaanni kennamuusaa ibsaniiru.

Raawwiin rakkoo jiru dura dhaabachuun argame kun jajjabeessaa ta’uusaa himanii, galmeewwan dhimma hawaasummaa fi yakkaa akka ta’an eeraniiru.

 Bara bajataa kanattis tajaajilli seeraa si’ataa fi qaqqabaa akka ta’u deeggarsii fi hordoffiin mana maree cimee akka ittifufu dubbataniiru.

Walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota seeraa, haqaa fi bulchiinsaa doktar Dasee Xilahuun rakkoo keessa ta’uun sirna haqaa qaqqabaa fi si’ataa taasisuuf hojiin hojjetame gaarii ta’uu ibsaniiru.

Manneen murtii sadarkaan jiran murtee qulqullina qabu akka kennan deeggarsii fi hordoffiin miseensonni mana maree taasisan cimsanii akka itti fufan beeksisaniiru.

Manni marichaa muudama abbootiin murtee mana murtii aanaa afur dhihaatan raggaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015