Tajaajilli tola ooltummaa daangaa ce'aan walitti dhufeenyaa, tokkummaa fi nageenya uummataa kan cimsudha

Adoolessa 24/2016(TOI) - Tajaajilli tola ooltummaa daangaa ce'aan walitti dhufeenyaa, tokkummaa fi nageenya uummataa kan cimsu ta'uu dargaggoonni tajaajila tola ooltummaa daangaa ce'uurratti hirmaachaa jiran himan.

Tajaajilli tola ooltummaa lammileen qaamni kamiyyuu osoo hin dirqisiisiin fedhiidhaan namummaan kaka'uun kan hawaasa ittiin tajaajilanidha.

Biyya keenyaattis yeroo gara yerootti cimaa kan jiru tajaajila tola ooltummaa kana irratti dargaggoon hirmaachaa kan jiranii fi aadaas ta'aa jira.

Tajaajila tola ooltummaa keessaa tokko kan ta'ee hojiin namoomaa daangaa ce'aan tajaajila kennu cinaatti waloomaa fi nageenyaa uumuun wal jijjiraa aadaa fi duudhaa adda addaaf bu'uura ta'aa jira.

Dargaggoonni tajaajila tola ooltummaa daangaa cea'aarratti hirmaatan TOI'tti akka himanitti; magaaloota biyyatti deemaaniitti haala hawaasni itti keesuummaa simatuu fi hirmaannaa dargaggoonni qaban dinqisiisaadha jedhaniiru.

Dargaggoonni tajaajila tola ooltummaa daangaa ce'aarratti hirmaachaa jiran tajaajilli tola ooltummaa hojii namoomaa ofii fi biyyaaf hojjetamu ta'uu eeranii; tajaajilli tola ooltummaa daangaa ce'aan immoo daraggoonni biroon hojii kanarratti akka hirmaatan kaka'umsa kan uumudha jedhaniiru.

Dargaggoonni kunneen magaaloota naannolee itti imaalanitti tajaajila tola ooltummaa dhiiga arjoomuu, dhaabbii biqiltuu, manneen manguddoota humna hin qabnee haaromsuu fi kanneen biroo hojjechuu himeera.

Tajaajilli tola ooltummaa kan boqonnaa fi gammachuu namaaf kan kennu ta'uu eeraniiru.

Ministir deetaan ministira dhimma dubartootaa fi hawaasummaa aadde Munaa Ahimad gama isaaniin tajaajilli tola ooltummaa daangaa ce'aan naannawwaa biyyatti adda addaatti dargaggoonni akka kaka'umsaan hojii kanarratti hirmaatan taasisuun cinaatti; walitti dhufeenyaa waloomaaa fi nageenya uummataa cimsaa jira jedhaniiru.

Ganna bara kanaa dargaggoonni miliyoonni 21 tajaajila tola ooltummaa gosa adda addaa 14 irratti bobba'anii hojjecha jiru jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015