Qabiyyee fi bulchiinsi dhaabbilee misoomaa mootummaa fi dhaabbileen isaaf itti waamaman miidhamtoota godina Goofaaf deeggarsa taasisan

Adoolessa 24/2016(TOI)-Qabiyyee fi bulchiinsi dhaabbilee misoomaa mootummaa fi dhaabbileen isaaf itti waamaman lammiilee naannoo kibba Itiyoophiyaa godina Goofaa aanaa Gazee Goofaatti lafti sigigaatee miidhaan irra gaheef deeggarsa taasisan.

Komishinariin hooggansa yaaddoo balaa Itiyoophiyaa doktar ambaasaaddar Shifarraawu T/Maariyam, deeggarsa dhaabbileen kunneen walumaa gala birrii miiliyoona 10 tuqaa 7 fudhataniiru.

Miidhamtoota deeggaruu fi egereef dhaabuuf qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Tumsi deeggarsaa fi deebisanii dhaabuuf taasifamu ittifufuusaa komishinarichi ibsaniiru.

Deeggarsa guyyaa har’aa dhaabbilee kanneeniin taasifameef galateeffataniiru.

Bakkeewwan roobni gannaa idilee fi idilee olitti roobutti balaan akka hinuumamne ofeeggannoon akka taasifamu hubachiisanii, balaa qaqqabuu danda’u qolachuuf carraaqqiin taasifamaa akka jiru ibsaniiru.

Daarektarri olaanaa qabiyyee fi bulchiinsa dhaabbilee misoomaa mootummaa Haabtaamuu H/Mikaa’el, dhaabbileen kunneen lammiilee balaa Kanaan miidhamaniif deeggarsa taasisuusaanii eeraniiru.

Tumsa fuuldura deebisanii dhaabuuf taasifamuuf deeggarsi keenya cimee ittifufa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015