Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa lammilee sababa balaa sigiga lafaan miidhamaniif deeggarsa taasise.

Adoolessa 24/2016 (TOI) - Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Itoophiyaa namoota sababa balaa sigiga lafaan tibbana aanaa Gezzee Gofaatti mudateen miidhamaniif deeggarsa nyaataa fi meeshaa Birrii miiliyoona 3.5 ol baasaan taasiseera.

Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaa TOI'tti akka himanitti, manni marichaa sababa balaa uumamaa sigiga lafaan godinichatti lubbuun namootaa darbuutti gadduu himaniiru.

Erga balaan kun mudatee as manni marichaa namoota miidhaman jajjabeessuu fi deeggaruuf hojjechaa akka ture eeraniiru.

Har’a daakuu daabboo kuntaala 200, qorqoorroo kuma 3, mismaara fi meeshaalee adda addaa deeggarsa taasisuu ibsaniiru.

Deeggarsi taasifame kunis maallaqaatti birrii miliyoona 3.5 olitti kan tilmaamu ta'uu eeraniiru.

Manni marichaa gara fuula duraattis lammiilee balaa kanaan miidhaman deebisanii dhaabuuf hojii hojjetamu keessaatti deeggarsa taasisu cimsee itti fufas jedhaniiru.

Deeggarsa kanas mana marichaarra kan fuudhaan gorsaa fi bakka bu’aan pirezidaantii mootummaa naannoo Kibba Itoophiyaa doktar Birhaauu Geeboo balaa aanaa Gazzee goofaa ganda Keechoo Shaachaa Gozdiitti mudateen miidhaa baay'ee nama gaddisiisutu mudate jedhaniiru.

Namoota balaa kanaan miidhamanii fi namoota maatii isaanii dhaban deebisanii dhaabuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015