Manni marii bakka bu’oota ummataa waliigaltee deeggarsa faayinaansii Itiyoophiyaan waldaa misoomaa idil addunyaa waliin taasifte raggaase

Adoolessa 24/2016(TOI)- Manni marii bakka bu’oota ummataa walgahiisaa ariifachiisaatiin waliigaltee deeggarsa faayinaansii Itiyoophiyaan waldaa misoomaa idil addunyaa waliin taasifte raggaaseera.

Manni marii ministirootaa walgahii idilee 38ffaa har’a taa’een labsii waliigaltee faayinaansii waldaa misoomaa idil addunyaa waliin taasifame raggaasuuf qophaa’erratti mari’atee murtee dabarseera.

Waliigalteen deeggrsa faayinaansii  waldaa misoomaa idil addunyaa waliin taasifame doolaara Ameerikaa biiliyoona 1 tuqaa 5 kan argamsiisu yoo ta’u, kana keessa doolaarri Ameerikaa biiliyoona 1 deeggarsa, doolaarri Ameerikaa miiliyoona 500 liqiin kan argamedha.

Manni marii ministirootaa sanadicharratti erga mari’atee booda tarsiimoo bulchiinsa liqii biyyattii waliin kan walsimu ta’uusaa mirkaneessuudhaan waliigalticha raggaasee mana marii bakka bu’oota ummataaf akka dabarfamu sagalee guutuun murteesseera.

Manni marii bakka bu’oota ummataa walgahiisaa ariifachiisaadhaan waliigaltee deeggarsa faayinaansii waldaa misooma idil addunyaa Itiyoophiyaan taasifterratti mari’ateera.

Mana marichaatti ministirri itti waamama mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee labsicha ilaalchisuun ibsa kennaniin, fooyyessi dinagdee mandhalee jijjiiramaan booda jalqabaaf hojiirra oolfame qormaatilee keessoo fi alaa hedduu damdamachuun bu’aa gaarii galmeessiseera jedhan.

Waggoota jijjiiramaa darban jiddugaleessaan guddina dhibbantaa 6 tuqaa 2 galmeessisuun akka danda’ame eeraniiru.

Hojii riifoormii dinagdee mandhalee lammaffaatiin, cabiinsa maakiroo suphuuf akkasumas bu’aa marsaa jalqabaan argame ittifufsiisuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira jedhaniiru.

Haala Kanaan dinagdee gooroo tasgabbeessuuf keessumaa carraa hojii uumuuf, qaalq’iinsa gatii hir’isuu fi to’achuuf, hanqina sharafa alaa hir’isuu fi sirreeffama caasaa fiduuf hojiiwwan riifoormii hojii jalqabamaniiru jedhaniiru.

Waldaan misoomaa idil addunyaa sagantaa fooyyessa dinagdee guutuu deeggaruuf kallattiin bajata deeggaruuf imaammata guddina misoomaa hundagaleessa egeree fi kan jalqabaaf raawwachiisuuf oolu deeggarsa doolaara biiliyoona 1 akkasumas liqii doolaara miiliyoona 500 walumaa gala doolaara biiliyoona 1 tuqaa 5 deeggarsaa fi liqiin mootummaa Itiyoophiyaaf kennuuf waliigaluusaatiin waliigaltee deeggarsaa fi liqii waldicha waliin mallatteessuusaa eeraniiru.

Maallaqni liqiin argame guutummaatti yeroo tokkotti gara tireejerii mootummaatti kan galu yoo ta’u mootummaan Itiyoophiyaa hojiilee riifoormii jalqabe deeggaruuf akkasumas bajata mootummaa federaalaa bara 2017 kallattiin deeggaruuf kan oolu ta’uu eeraniiru.

Liqiin doolaara miiliyoona 500 dhalarraa bilisa, akkaataa Baankiin murteesseen maallaqa liqii faayidaarra hinoolle irratti waggaatti kafaltii dirqamaa 0 tuqaa5 ta’u kaffalamuu nidanda’a.

 

Baankichi maallaqa liqii bulchuuf tajaajila kennuuf kafaltii tajaajilaa 0 tuqaa 75 akka kaffalamu himaniiru.

Kana malees liqiin kun yeroo yeroo obsaa waggaa jaahaa dabalatee waggoota 38 keessattikafalamee kan xumuramu ta’uu eeranii, manni marichaa waliigaltee deeggarsaa kana akka raggaasu gaafataniiru.

Manni marii waliigaltee deeggarsaa kanarratti erga mari’atee booda sagalee caalmaan raggaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015