Iiziin Kabaa Lixaa iizii jabaa ergamaa fi dirqama isaa gootummaan raawwachaa jirudha

Adoolessa 24/2016(TOI) - Itti aanaan itaamajoor shuumii waliigalaa rayyaa ittisa biyyaa jeneraal Ababaaw Taaddasee Iiziin Kabaa Lixaa yeroo kamiyyuu, eessattiyyuu ergamaa fi dirqama itti kennamuu gootummaan raawwachaa kan jiru Iizii jabaadha jedhan.

Cimina kana itti fufsiisuun ergamaa fi dirqama gara fuula duraatti itti kennamuuf gama hundaan bahachuuf qophaa'uu akka qabu hubachiisaniiru.

Jeneraal Ababaaw Taaddaseen qondaaltoota iizichaa waliin ta'uun sagantaa ashaaraa magariisaan qajeelcha waliigalaa Iizii kaabaa Lixaatti biqiltuu dhaabaniiru.

Hogganaan qajeelcha waliigalaa duula Raayyaa Ittisa Biyyaa letenaal jeneraala Balaay Siyyuum, ajaja Iizii kabaa lixaa letenaal jeneraal Biraanuu Baqqalee, itti aanaa ajaja iizii bahaa Gizaw Uumaa dabalatee qondaaltoonni fi miseensonni dhaabbii biqiltuu kanarratti hirmaataniiru.

Dhaabbii biqiltuu kanarratti biqiltuuwwaan Paappaayyaa, Avookaadoofi kaneen biroon dhaabamuu odeeffannoon Raayyaa Ittisa Biyyaarra argame ni muli'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015