Dorgommiin Atileetiksii Olompiikii Paariis Itiyoophiyaan irratti hirmaattu har’a eegalameera

Adoolessa 25/2016(TOI)- Taphoota Olompiikii 33ffaa Paarisitti adeemsifamaa jiruun dorgommiin Atileetiksii Itiyoophiyaan irratti hirmaattu har’a eegalameera.

Olompiikiin Paariis erga eegalamee har’a guyyaa torbaffaa qabateera.

Ispoortesitoonni biyyoota 203 irraa dhufan kuma 10 fi 500 ta’an akaakuu dorgommii 32n hiraachaa jiru.

Akkasumas atileetonni walabaa fi gareen Olompiikii baqattootaa koree Olompiikii idil addunyaa jalatti dorgoman nihirmaatu.

Itiyoophiyaan Atileetiksii fi bishaan daakuun ispoortessitoota 38 nihirmaachifti.

Sagantaan Atileetiksii Olompiikii har’a akka jalqabamu koree Olompiikii idil addunyaarraa odeeffanneerra.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015