Ministeerri Haqaa fi dhaabbileen isaaf itti waamaman magaalaa Gaambeellaa fi naannawasaa biqiltuu dhaaban

Adoolessa 25/2016(TOI)- Ministeerri Haqaa fi dhaabbileen isaaf itti waamaman magaalaa Gaambeellaa fi naannawasaatti sagantaa qulqullinaa fi biqiltuu dhaabuu raawwachaa jiru.

Hooggantoonnii fi hojjettoonni ministeerichaa fi dhaabbilee isaaf itti waamamanii hooggantootaa fi dargaggoota naannichaa waliin ta’uun saganticha raawwachaa jiru.

De’eetaan ministira haqaa Tasfaayee Dhaabaa, De’eetaan ministira haqaa Balaayhun Yirgaa fi Ittaanaan bulchaa bulchiinsa naannoo Gaambeellaa obbo Teenkuweey Jook dabalatee hooggantoonni federaalaa fi naannoo biroon saganticharratti hirmaachaa jiru.

Dabalataanis tajaajiloota tola ooltummaa akka raawwatanis ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015