Yaa’iin idilee mana maree naannoo Amaaraa muudamoota raggaasuun xumurame

Adoolessa 25/2016(TOI)- Yaa’iin idilee mana maree naannoo Amaaraa muudamoota addaddaa bulchaa bulchiinsa naannichaa obbo Araggaa Kabbadaan dhihaata raggaasuun xumurame .

Manni marichaa yaa’ii idilee 8ffa, bara hojii waggaa 3ffaa, marsaa 6ffaa Adoolessa 22 bara 2016 irraa eegalee dhimmoota addaddaarratti mari’achaa tureera.

Manni marichaa raawwii karooraa bara bajataa 2016 qorachuun gamatti bajata bara 2017f dhihaate  sagalee guutuun raggaaseera.

Akkasumas abbootii murtii rakkoon naamusaa qaban afur hojiirraa gaggeessuu dabalatee ajandaalee biroorratti mari’atee murtee dabarsuunsaa nibeekama.
 

Guyyaa har’aa muudamoota addaddaa bulchaa bulchiinsa naannichaa obbo Araggaa Kabbadaan dhihaatan raggaasiseera.

Haala kanaan-

1- Obbo Almaantee Aggidoo – Pirezidaantii mana murtii waliigalaa naannichaa,

2- Obbo Muluualam Biyaazin- Ittaanaa pirezidaantii mana murtii waliigalaa naannichaa fi

3- Obbo Malkaamuu Tsaggaayee – hoogganaa biiroo Aadaa fi Tuurizimii naannichaa ta’uun muudamaniiru.

Akkasumas manni marichaa Obbo Abarraa Faantaawu walitti qabaa koree dhaabbataa dhimmoota bulchiinsa humna namaa fi misooma Tuurizimii, adde Immabeet Kabbadaa walitti qabduu koree dhaabbataa dhimmoota bulchiinsa to’annoo baasii mootummaa gochuun muudee yaa’iisaa idilee xumureera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015