Dorgommii tarkaanfii kiiloomeetira 20n Atileet Misgaanaa Waaqumaa 6ffaa bahe

Adoolessa 25/2016(TOI)- Olompiikii 33ffaa Paarisitti dorgomamaa jiruun Atileet Misgaanaa Waaqumaa dorgommii tarkaanfii kiiloomeetira 20n 6ffaa bahuun xumureera.

 Taphoota Olompiikii Paarisitti taasifamaa jiruun sagantaan Atileetiksii har’a jalqabameera.

Dorgommii tarkaanfii kiiloomeetira 20 dhiiraan har’a ganama taasifameen Misgaanaa Waaqumaa 6ffaa baheera.

Atileet Misgaanaa hirmaannaa Olompiikii jalqabaatiin qabxii gaarii galmeessiseera.

Haalli qilleensaa baay’ee cimaa waan ta’eef dorgommichi daqiiqaa 30 turee jalqabuusaa odeeffannoon koree Olompiikii idil addunyaa nimul’isa.

Atileetonni biyyoota 26 irraa walitti dhufan 49 dorgommicharratti hirmaataniiru.

Kanaan walqabatee dorgommiin tarkaanfii kiiloomeetira 20 dubartootaa kan xumuraa haala qilleensaa rakkisaa ta’erraa kan ka’e daqiiqaa 30 turee akka jalqabamu beekameera.

Haala Kanaan dorgommichi sa’aatii 4 fi daqiiqaa 50tti nicalqabama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015