Bataskaanni kaatolikii Itiyoophiyaa lammiilee miidhamaniif deeggarsa nyaataa fi meeshaa birrii miiliyoona 1 tuqaa 7tti tilaamamu taasifte

Adoolessa 25/2016(TOI)- Bataskaanni kaatolikii Itiyoophiyaa lammiilee godina Goofaa aanaa Gazee Goofaa ganda Keenchoo Shaachaa Goozdiitti lafti sigigsstee miidhamaniif deeggarsa nyaataa fi meeshaa birrii miiliyoona 1 tuqaa 7tti tilaamamu taasifte.

Bataskaana Kaatolikiitti bulchaan mana lubummaa Hoosaa’inaa fi Sooddoo Abuna Siyyum Firaansuwaa deeggarsa kana bulchaa godina Goofaaf kennaniiru.

Abuna Siyyum wayita kana akka jedhanitti, balaa hamaa lammii keenyarra gahe wayita dhageenyu akka bataskaanaatti guddaa gaddineerra jedhan.

Bataskaanattiin hojii deebisanii dhaabuu taasifamurrattis akka hirmaattu mirkaneessaniiru.

Bulchaan godina Goofaa Injiinar Daagimaawii Ayyalaa deeggarsicha wayita fudhatan deeggarsa bataskaanittiin taasisaniif galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015