Bara bajataa 2016 Finfinneetti dargaggoota kuma 234 caalaniif carran hojii uumameera

Adoolessa 25/2016(TOI)- Bara bajataa 2016 Finfinneetti dargaggoota kuma 234 oliif carran hojii uumamuusaa biiroon dargaggootaa fi Ispoortii bulchiinsa magaalaa Finfinnee ibse.

Biirichi raawwii karooraa bara 2016 fi karoora bara 2017 irratti qooda fudhattoota waliin mari’ateera.

Hoogganaan biiroo obbo Balaay Dajan wayita kana akka bsanitti, hirmaannaa dinagdee, hawaasaa fi siyaasaa dargaggoota magaalaa Finfinnee mirkaneessuuf hojjechaa jira.

Bara bajataa xumurame dargaggoota magaalattii kuma 234 caalaniif carraa hojii uumeera.

Kana malees bulchiinsi magaalichaa lammii fayyabuleessaa fi oomishaa uumuuf bakkeewwan ispoortii haaraa babal’isaa akka jiru dubbataniiru.

Haala Kanaan bakkeewwan Ispoortii 42 tajaajilaaf banaa taasifamuu eeraniiru.

Bara bajajatichaatti dargaggoonni nageenya waaraa fi guddina magaalattiif qoodasanii akka bahan gochuuf hojii hojjetameen bu’aan jajjabeessaan argameera jedhan.

Dargaggoonni mana dadhabootaa fi Mnguddootaa haaromsuun dhiiga arjoomuun, misooma magariisaa fi hojiilee tola ooltummaa biroorratti bobba’uun hojii bu’a qabeessa hojjechuusaanii beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015