Olompikii Paarisitti fiigichi xumuraa dhiirotaa meetira kumaa 10 Itiyoophiyaan meedaaliyaa itti argatti jedhamee eegamu har’a galgala taasifama

Adoolessa 26/2016(TOI)-Olompikii Paariis 33ffaan dorgommiin dhiiraan har’a galgala meetira kuma 10niin adeemsifamu Itiyoophiyaanota biratti hawwiidhaan eegama.

Atileetonni Itiyoophiyaa xumura fiigichaarratti hirmaatan taphoota Olompiikii 32ffaa irratti fageenya wal fakkaatuun biyyasaanii bakka bu’anii dorgomuunsaanii hirmaannaa baranaatiin walfakkeenya addaa uumeera.

Olompiikiin Paariis har’a guyyaa 8ffaa qabateera.

Fiigichi xumuraa dhiiraan har’a galgala sa’aatii 4 fi daqiiqaa 20tti Istaadiyeemii Staadee Fraan daawwattoota kuma 80 qabatutti taasifama.

Salamoon Baaraggaa, Yoomiif Qajeelchaa fi Barrihuu Aragaawii Itiyoophiya bakka bu’uun dorgomu.

Atileetonni sadan akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2020 Olompiikii 32ffaarratti meetira 10000 dhiiraan fiigicha xumuraaf dorgomanii  ture, baranas fageenya walfakkaatuun hirmaachuunsaanii walfakkeesseera.

Bakka kana daqiiqaa 26 sakondii 11 maayikiroo sakondii 00n abbaa riikoordii kan ta’e lammiin Yugaandaa Jooshuwaa Cheepteegaay, atileetota dorgommii kana nimo’atu jedhamanii eegaman keessatti argama.

Atileetiin kun fiigicha meetira kuma 5000n abbaa riikoordii addunyaati.

Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii xumuraan alatti dorgommii calalliirrattis nihirmaatu.

Saamu’eel Tafarraa, Ermiyaas Girmaa fi Abdiisaa Fayyisaa guyyaa keessaa sa’aatii 6 fi daqiiqaa 5tti meetira 1500n nidorgomu.

Ramaddii dorgommiisaanii keessaa sadarkaa 1 amma 6tti yoo bahan xumura walakkaa Dilbata Adoolessa 28 bara 2016 dorgomamurratti nihirmaatu.

Gudaaf Tsaggaay, Madiinaa Isaa fi Ijjigaayyoo Taayyee Calallii meetira 5000 dubartootaa galgala sa’atii 1 fi daqiiqaa 10tti adeemsifamurratti nihirmaatu.

Atileetonni kunneen sadarkaa 1 amma8tti yoo xumuran dorgommii xumuraa Adoolessa 29 bara 2016 adeemsifamuuf darbuusaanii nimirkaneeffatu.

Dorgommii Calallii dubartootaa meetira 800 galgala sa’aatii 2 fi daqiiqaa 45tti taasifamurratti  Tsiggee Dhugumaa, Haabtaam Alamuu fi Warqinash Mallasee Itiyoophiyaa bakka bu’uun nidorgomu.

Dorgommii Kanaan sadarkaa 1 amma 3tti yoo bahan xumura walakkaa Dilbata Adoolessa 28 bara 2016 taasifamuuf nidarbu .

Kallattiin yoo hindarbine “Reeppiicheej Raawundiin” filannoo dorgommii irra deebii keessa nigalu.

በAtileet Misgaanaa Waaqumaa kaleessa dorgommii tarkaanfii dhiirotaa kiiloomeetira 20n 6ffaa bahee qabxii gaarii fi abdii namatti horu galmeessiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015