Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa hojii haaromsa Istaadiyeemii Finfinnee dawwatan

Adoolessa 26/2016(TOI)- Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa hojii haaromsa Istaadiyeemii Finfinnee fi bu’uraalee misoomaa naannawasaa jiran dawwatan.

Istaadiyeemichi ulaagaalee Fiifaa fi kaaf waan hinguunneef dorgommii kubbaa miilaa akka hinadeemsifne dhorkamuunsaa niyaadatama.

Ministirittiin hojiilee suphaa akkaataa ulaagaalee kanneeniin adeemsifamaa jiru daawwataniiru.

የSadarkaa haaromsi Istaadiyeemichaa irra jiruu fihojiilee biroo ilaalchisuun kontiraaktaroonni ministirittiif ibsaniiru.

Haaromsi Istaadiyeemii Finfinnee baatii Waxabajjii bara 2013 jalqabamuusaa odeeffannoon TOIn ministeera Aadaa fi Ispoortirraa argate nimul’isa.

Haaromsi Istaadiyeemii kanaa boqonnaa lamatti kan qoodame yoo ta’u hojiin haaromsaa boqonnaa jalqabaa xumurameera.

Haaromsi boqonnaa lammaffaa harka 97 kan gahe yoo ta’u kan hafe dhiheenya nixumurama jedhameetu eegama.

Haaromsa boqonnaa jalqabaaf birriin miiliyoona47 boqonnaa lammaffaaf birriin miiliyoona 190 baasii ta’uun ibsameera.

Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa tibbana ijaarsa Istaadiyeemii biyyaalessaa (Istaadiyeemii Aday Ababaa)daawwachuun yeroo qabameefitti sadarkaasaa eeggatee akka hojjetamu kallattii kennuunsaanii niyaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015