Dhaabbileen addaddaa lammiilee aanaa Gazee Goofaatti lafti sigigaatee miidhaan irra gahee deeggarsa taasise

Adoolessa 26/2016 (TOI)-Ministeerri dubartootaa fi dhimma hawaasummaa, tajaajilli Elektiriikii Itiyoophiyaa fi Liigiin dubartootaa Paartii badhaadhinaa lammiilee Godina Goofaa Aanaa Gazee Goofaatti lafti sigigaatee miidhaaniif  birrii miiliyoona 9 tuqaa 6tti tilmaamamu deeggaran.

Ministirri dubartootaa fi dhimma hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee deeggarsa kana wayita kennan akka jedhanitti, balaan kun erga mudatee kaasee ministeerichi gaddasaa ibsaa tureera.

Har’ammoo liigii dubartootaa Paartii Badhaadhinaa waliin ta’uun maallaqa calla birrii miiliyoona 2 fi deeggarsa nyaataa fi meeshaa birrii miiliyoona 2 tuqaa 6tti tilmaamamu taasisuu ibsaniiru.

Fuulduras miidhamtoonni amma egereef ofdanda’anitti akka deeggaran dubbataniiru.

Kana malees tajaajilli Elektiriikii Itiyoophiyaa birrii miiliyoona 5 deeggaruusaa hojii raawwachiisaan olaanaa obbo Shifarraawu Taliilaa ibsaniiru.

Tajaajilichi hojii miidhamtoota ofdandeessisuuf taasifamuuf akka deeggaru mirkaneessaniiru.

Ittaantuun Pirezidaantii Liigii Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa adde Maskaram Abbabaa gamasaaniin miseensonni liigichaa deeggarsa kana akka itti fufan ibsaniiru.

Deeggarsicha kan fudhatan Sadarkaa ittaanaa bulchaa bulchiinsaatti qindeessaan kilaastara qonnaa fi misooma baadiyyaa fi hoogganaan biiroo Bishaanii,  Albuudaa fi Inarjii Akliiluu Addaany deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015