Yaa’iin dursaa faayinaansiin misoomaaf idil addunyaa 4ffaan Itiyoophiyaan yaa’iiwwan idil addunyaa 4ga’umsaan qopheessuuf akka dandeessu kan agarsiisedha

Adoolessa 26/2016(TOI)- Yaa’iin dursaa faayinaansiin misoomaaf idil addunyaa 4ffaan Finfinneetti taa’ame Itiyoophiyaan yaa’iiwwan idil addunyaa 4ga’umsaan qopheessuuf akka dandeessu kan agarsiise ta’uu ministeerri dhimma alaa ibse.

Dubbihimaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyyuu Tadlaa dippilomaasii Itiyoophiyaa fi hariiroo alaa wayitaawaarratti ibsa torbee kennaniiru.

Yaa’iin dursaa faayinaansiin misoomaai idil addunyaa dhiheessii faayinaansii galmoota misoomaa egeree milkeessuuf oolu barbaachisu kan mari’atamedha jedhan.

Ministiroota dabalatee hirmaattonni kuma tokkoo ol konfaransicharratti kan hirmaatan yoo ta’u, yaa’iin kun Finfinneetti taa’amuunsaa Itiyoophiyaan yaa’iiwwan idil addunyaa  addaddaa keessummeessuu akka dandeessu kan agarsiisedha jedhan.

Konfaransicha cinaattis mariiwwan 12 taasifamuu eeranii, waltajjichi haala qabatamaa nageenya, tasgabbii fi misoomaa Itiyoophiyaa kan itti hubachiifnedha jedhaniiru.

Konfaransii Kanaan gama dippilomaasii, Tuuriizimii fi biyya beeksisuun bu’aan itti argameera jedhan.

Kana malees ambaasaaddaroonni haaraan hojiitti bobba’an 24 faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf pirezidaant Saahilawarq Zawudee fuulduratti waadaa galuusaanii himaniiru.

Ambaasaaddaroonni haaraa muudaman muuxannoo horatanitti fayyadamanii ciminaan akka hojjetan ittigafatamni akka kennamef  himaniiru.

Kana malees gareen jilaa ministira dhimma alaa Turkiin durfamu boru Finfinnee nidhufa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015