Ministeeri Tuurizimii lammeelee Godina Goofaatti lafti sigigaatee miidhaman deeggare

Adoolessa 26/2016(TOI)- Ministeeri Tuurizimii lammeelee Godina Goofaatti lafti sigigaatee miidhaman deeggare.

Ministirri Tuurizimii ambaasaaddar Naasisee Caalii deeggarsicha bakkatti argamuun wayita kennan miidhaa balaa Kanaan qaqqabetti gadduusaanii ibsaniiru.

Lammiilee miidhaman irra gahe deeggaruu fi kanneen miidhamtoota jajjabeessuuf ministeericha jalatti kan argaman abbaa taayitaa eegumsa hambaa fi abbaa taayitaa eegumsa beellada bosonaa waliin ta’uun dhufuusaanii ibsaniiru.

Ministeerri Tuurizimii fi dhaabbileen isaaf itti waamaman lammiilee miidhamaniif birrii miiliyoona 3 deeggaruusaanii ministirittiin dubbataniiru.

Miidhamtoota ofdandeessisuuf hojii hojjetamu ministeerichi akka deeggaru ibsaniiru.

Deeggarsicha kan fudhatan Sadarkaa ittaanaa bulchaa bulchiinsaatti qindeessaan kilaastara qonnaa fi misooma baadiyyaa fi hoogganaan biiroo Bishaanii,  Albuudaa fi Inarjii Akliiluu Addaany deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015