Fooyyessi Dinagdee Gooroo Baankota Itiyoophiyaa kan baraaredha-Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad

Adoolessa 26/2016(TOI)- Fooyyessi Dinagdee Gooroo Baankota Itiyoophiyaa kan baraare ta’uu Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad dubbatan.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad fooyyessa dinagdee Gooroo ilaalchisuun kaleessa ibsa kennaniin  Itiyoophiyaan dinagdeeshee cuftee turuunshee qormaata bara baraa keessatti akka kuftu taasisuusaa dubbataniiru.

Fakkeenyaaf daldalli alaa sharafa biyya alaa amma barbaadamu galchuu dadhabee turuusaa eeranii, oomishoonni Itiyoophiyaas karaa Kontirobaandii akka bahan gochuusaa kaasaniiru.

Itiyoophiyaan amma humnashee invastimantii kallattii biyya alaarraa fayyadamuu akka hindandeenyes dubbataniiru.

Gama biraatiin sirni gabaa seeraan alaa akka babal’atu gochuun qaala’insi gatii lammiileerratti dhiibbaa akka geessisu gochuusaa ministirri muummee ibsaniiru.

Haala Kanaan fooyyessi kun cabiinsota dinagdeerratti fe’aman kaasuudhaan kaka’umsa gaarii akka uumu eeraniiru.

Keessumaa ittifufiinsa sektara faayinaansii mirkaneessuuf qooda olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.

Fakkeenyaaf maallaqa Baankiin daldalaa bittaa Boondiirraa walitti qabe pirojektoota misoomaa liqiisaanii deebisuu dadhabaniif qaqqabsiisaa akka ture kaasaniiru.

Kun ammoo baankicha idaa keessa akka galchuu fi idaasaa deebisuu yoo hindandeenye jiguunsaa waan hinoolle ta’uu eeraniiru.

Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa jiguunsaa amantaa Baankiiwwan Itiyoophiyaarratti qaban akka dhabsiisu eeraniiru.

Kun ammoo ittifufiinsa Baankiiwwan biyya keessaa rakkoorra akka buusu ibsaniiru.

Mootummaan marii ‘IMF’ fi baankii addunyaa waliin taasiseen dhimmoota kaase keessaa tokko Baankii daldalaa Itiyoophiyaa akka ilaallatu eeraniiru.

Marii Kanaan Baankichi walumaa gala dhaabbilee kanneenirraa maallaqa dabalataa doolaara miiliyoona 700 argachuusaa ibsaniiru.

Kun ammoo Baankicha jiguurraa kan baraare ta’uun gamatti hirmaannaa misooma Itiyoophiyaarratti qabu akka ittifufsiisu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015