Atileet Ermiyaas Girmaa fi Atileet Saamu’eel Tafarraa calallii meetira 1500n kallattiin gara xumura walakkaatti darban

Adoolessa 26/2016(TOI)- Atileet Ermiyaas Girmaa fi Atileet Saamu’eel Tafarraa calallii meetira 1500n kallattiin gara xumura walakkaatti darbaniiru.

Taphoonni Olompiikii 33ffaa har’a guyyaa 8ffaarra jira.

Waaree har’aa calalliin jalqabaa dhiirotaa meetira 1500nii  taasifameera.

Atileet Ermiyaas Girmaa dorgommii ramaddii 2 keessatti taasiseen daqiiqaa 3 fi sakondii 35 fi maayikiroo sakandii 21n tokkoffaa bahuun kallattiin xumura walakkaaf darbeera.

Atileet Saamu’eel Tafarraa ramaddii 3 keessatti taasiseen daqiiqaa 3 fi sakondii 37 fi maayikiroo sakondii 34n jahaffaa bahuun kallattiin xumura walakkaaf darbeera.

Atileet Abdiisaa Fayyisaa ramaddii 1 keessatti dorgomee sadarkaa 14ffaa bahuun xumureera.

Haata’u malee Atileet Abdiisaan xumura walakkaatti darbuuf carraa irra deebi’ee dorgomuu argateera.

Akkaataa hojmaata haaraa koreen Olompiikii idil addunyaa 33ffaa hojeessaa jiruutiin Atileetonni dorgommiisaanii xumuranii marsaa ittaanutti yoo hindarbiin hafan dorgommii marsaa xumura walakkaatti igaluu isaan dandeessisu (repechage round) tti makamu.

Haala Kanaan dorgomtoonni dorgommii calallii xumuran gara “Reepecheej Raawundi”tti seenuun kan dorgoman yoo ta’u atileetonni qabxii fooyyee galmeessisan xumura walakkaatti darbu.

Atileetonni Calallii ramaddii sadiin taasifameen ramaddiisaaniirraa 1 amma sadiitti bahan kallattiidhaan xumura walakkaaf nidarbu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015