Yuunivarsiitiin Finfinnee fi Baankiin daldala Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan

Adoolessa 26/2016(TOI)-Yuunivarsiitiin Finfinnee hojiiwwan qorannoo beekumsaa fi Faayinaansiin Baankii daldalaa Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesseera.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Finfinnee doktar Saamu’eel Kiflee fi bakka bu’aan Baankii daldala Itiyoophiyaa Efreem Makuriyaa waliigalticha mallatteessaniiru.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Finfinnee doktar Saamu’eel Kiflee wayita kana akka jedhanitti, Yuunivarsiitichi ofiin ofbulchaa waan jiruuf tarsiimoo waggaa shanii baasee hojjechaa jira.

Yuunivarsiitichi hojiiwwan beekumsaa, qorannoo fi qu’annoo fuuldura adeemsisuuf akkasumas hojiilee biroo dhaabbilee faayinaansii waliin hojjechuun kan eegamu ta’uu ibsaniiru.

Kanaaf Yuunivarsiitiin Finfinnee hojiilee yeroo dhufutti hojjetuuf Baankii daldala Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf waliigaluusaa ibsaniiru.

Bakka bu’aan Pirezidaantii Bankii daldala Itiyoophiyaa obbo Efreem Makuriyaa gamasaaniin, hojiilee beekumsaa fi qorannoo biyyaaf gumaachu deeggaruuf Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa waloon hojjechuuf kutannoo qaba jedhaniiru.

Akkasumas Yuunivarsiitichi misooma humna namaa, Cehumsa teeknooloojii, qorannoo fi tajaajilli gorsaa Baankichaaf kennu kan cimu ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015