Finfinnee fi magaalaan Chaayinaa Ri Jaawu waliigaltee mallatteessan

Adoolessa 26/2016(TOI)- Finfinnee fi magaalaan Chaayinaa Ri Jaawu hariiroo obbolummaa uumuuf waliigaltee mallatteessan.

Ittaanaan kantiibaa fi hoogganaan biiroo misooma Industirii magaalaa Finfinnee Jaanxiraar Abbaayi fi ittaanaan kantiibaa magaalaa Ri Jaawu Jaang Di Aniyu waliigalticha mallatteessaniiru.

Jilli magaalaa Ri Jaawu marii bulchiinsa magaalaa Finfinnee waliin taasisaniin  milkaa’inni eegumsa naannoo, pilaanii magaalaa fi guddina dinagdee Ri Jaawu qabdu kaka’umsa kan uumudha jedhaniiru.

Kutannoon misooma magariisaa fi Innoveeshiniif magaalattiin qabdu mul’ata Finfinneen qabdu waliin walitti hidhamiinsa akka qabu eeranii, muuxannoo gaarii qabdanirraa barachuu fi dhimmoota magaalota lamaan fayyadanirratti tumsaan hojjechuuf  fedhii qabna jedhaniiru.

Waliigalteen kun damee misooma waaraa, Saayinsii fi Teeknooloojii, Aadaa, Daldala, Barmootaa fi Fayyaan tumsaan hojjechuu fi badhaadhina waloo fi misooma mirkaneessuuf akka gargaaru amantaa akka qaban Ittaanaan kantiibaa kun ibsaniiru.

Ittaanaan kantiibaa magaalaa Ri Jaawu Jaang Dii AnyuuItiyoophiyaa fi Chaayinaan hariiroo bara dheeraa qabaniin gamatti kaampaaniiwwan oomishaa Rii Jaawutti argaman tumsitoota  daldalaa Itiyoophiyaa waliin hariiroo cimaa qabu jedhaniiru.

Waliigalteen mallatteeffame tumsa dameelee addaddaa magaalaa lamaan qabaatan akka cimsu dubbachuusaanii odeffannoon waajjira kantiibaa nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015