Fooyyessi Dinagdee Gooroo Itiyoophiyaan Qaxanaa Daldala walabaa Afriikaa dabalatee gabaa Idil Addunyaatti akka fayyadamtu taasisa-Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad

Adoolessa 26/2016(TOI)- Fooyyessi Dinagdee Gooroo dinagdee Itiyoophiyaa banaa taasisuun Qaxanaa Daldala walabaa Afriikaa dabalatee akka Idil Addunyaatti akka fayyadamaa akka taanu nugargaara jedhan Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad fooyyessa Dinagdee Gooroo ilaalchisuun ibsa kaleessa kennaniin, fooyyessi kun irra keessa osoo hintaane gadifageenyaan ilaalamuu akka qabu dubbataniiru.

Fooyyessi kun jijjiirama biyyaalessaa hordofuun qajeelfamoota  yaadrimee  misoomaa falaasama ida’amuuirratti hundaa’uun akka ta’e  ibsaniiru.

Murteewwan bariituu jijjiiramaa mootummaan murteesse keessaa inni tokko dinagdee Itiyoophiyaa hirmaannaa damee dhuunfaaf banaa taasisuu akka ture yaadachiisaniiru.

Adeemsa sana boodaatiin keessumaa akkaataa fooyyessa dinagdee mandhalee jalqabaatiin amma tokkos ta’u dinagdee sektara dhuunfaaf walaba taasusuun akka ture kaasanii, haala Kanaan fooyyessi Dinagdee Gooroo haaraa akka hintaane dubbataniiru.

Fooyyessi dinagdee mandhalee jalqabaa qormaata damdamachuun bu’aalee hedduu galmeessisuusaa eeraniiru.

Biyyoota Afriikaa dinagdee guddaa gdhugoomsan keessaa dinagdee Itiyoophiyaa qofatu cufaa akka ture ministirri muummee ibsanii, haala qabatamaa amma jiruun akkaataa Kanaan dinagdee bu’a qabeessa taasisuun hindanda’amu jedhaniiru.

Itiyoophiyaan Dinagdeeshee cuftee qaxanaa daldala Afriikaa dabalatee gabaa idil addunyaatiin fayyadamuu akka hindandeenye ibsaniiru.

Itiyoophiyaan qaxanaa daldala walabaa Afriikaa sadarkaa ardiitti hojeeffamaa jirutti fayyadamuuf dinagdeenshee cufaa ture  banamuu akka qabu ibsanii, fooyyessi kun kana akka dhugoomsu dubbataniiru.

Fooyyessi kun milkaa’inoota Kanaan dura argaman ittifufsiisuun fi carraalee haaraa uumuun caarraaqqiiwwan badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf jalqabaman milkeessuuf akka gargaaru ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015