Dhimmoota miidhaa guddaa biyyarraan gahanirratti hojjechuun bu’aan argameera

Adoolessa 26/2016(TOI)-Bara bajataa xumurame dhimmoota miidhaa guddaa biyyarraan gahanirratti hojjechuun bu’aan argamuusaa tajaajilli nageenya Faayinaansii beeksise.

Tajaajilichi gabaasa raawwii hojii bara batajaa 2016 ilaalchisuun ibsa TOIf ergeen bara bajatichaa yakkoota dinagdee fi nageenya biyyaarratti miidhaa olaanaa geessisuu danda’an adda baasuun hojiilee quubsaa hojjeteera.

Haala Kanaan bara bajatichaa odeeffannoowwan bittaa fi gurgurtaa shakkisiisan kuma 4 ta’an dhaabbilee gabaasa dhiheessanirraa akka isa qaqqabe ibsee eeruuwwan yakkaan walqabatan 200 ta’an eertota addaddaarraa fudhachuusaa dabalee ibseera.

Akkasumas dhimmoota yakkaan walqabatan yakkoota addaddaa waliin hariiroo qaban 310 dursi kennamuuf irratti bal’inaan ilaaluun ittigaafatamummaan seeraa akka mirkanaa’u qaamolee dhimmi ilaaluuf dabarsuusaa ibseera.

Dhimmoota yakkaan wal qabatan kanneen akka maallaqa seeraan ala dabarsuu, yakka waliin dhahuu, taaksii, daldala kontirobaandii, malaammaltummaa, seeraan ala namoota dabarsuu, dirqisiisuu fi sodaachisuu, qabeenya dabarsuu, shororkeessummaa maallaqaan deeggaruu bal’inaan kan ilaalaman ta’uu himameera.

Namoonni dhuunfaa fi qaamoleen biroon sadarkaa addaddaatti gocha yakkaa Kanaan  walitti dhufeenya qabu jedhamanii shakkaman kuma 2 fi 273adda baafamanii  seeraan gaafachuuf dhimmichi seeraan qabamee adeemsarratti argama jedhameera.

Maallaqa gocha yakkaan argame seera qabeessa fakkeessuun dhiheessuu fi yakkoota shororkeessuumaa maallaqqan deeggaruu qolachuu fi to’achuun wal qabatee dhaabbileen faayinaansii qolachuuf ittigaafatama qabanii fi qaamoleen hojii daldalaa fi ogummaa faayinaansiin walitti hidhaamiinsa hinqabnerratti hojjetan dirqama seeraan kennameef akka bahan hojiin to’annoo fi hordoffii jalqabame cimee ittifufa jedheera.

Koree biyyaalessaa yakka ittisuu fi to’achuuf hojjechaa jiruu fi qooda fudhattoota biroo waliin ta’uun sirni faayinaansii yakkaaf kan hinmijanne akka ta’u tarkaanfiiwwan jalqabe cimsee akka ittifufu ibsee hawaasni eeruu taasisuun qoodasaa akka bahu waamicha taasiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015