Hooggantoonnii fi hojjettoonni ejensii bulchiinsa qulqullinaa magaalaa Finfinnee biqiltuu dhaaban

Adoolessa 27/2016(TOI)- Hooggantoonnii fi hojjettoonni ejensii bulchiinsa qulqullinaa magaalaa Finfinnee bakka balfa Raphii biqiltuu dhaaban.

Sadarkaa ittigaafatamtuu biirootti Ittaantuun hojii gaggeessituu magaalaa Finfinnee adde Qonjiit Dabalaa, daarektarri olaanaa ejensii bulchiinsa qulqullinaa magaalaa Finfinnee doktar Isheetuu Lammaa fi hooggantoonni biroon biqiltuu dhabuurratti hirmaataniiru.

 Hojjettoonni qulqullinaa fi miseensonni waldaalee shariikaa saganticharratti hirmaataniiru.

Sagantaan kun mata duree “biyya biqiltuu dhaabdu dhaloota ittifufsiisu” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Ashaaraa magariisaa baranaatiin biqiltuu biiliyeena 7 tuqaa 5 dhaabuuf karoorfameera.

Dhaabbileen garagaraa, waldaalee fi kutaalen hawaasaa garagaraa biqiltuu dhaabaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015