Obbo Aganyoo Tashaagar hojiilee tola ooltummaa gannaa jalqabsiisuuf Buttaajiraa dhaqan

Adoolessa 27/2016(TOI)- Af-yaa’iin mana maree Federeeshinii Obbo Aganyoo Tashaagar hojiilee tola ooltummaa gannaa jalqabsiisuuf Buttaajiraa dhaqaniiru.

Af-yaa’ichi haaromsa mana dadhabootaa mana maree federeeshinii fi dhaabbilee itti waamamaa ta’aniin hojjetamanii fi  meeshaalee barmootaa barattootaaf nikennu akkasumas  biqiltuu nidhaabu.

Bulchaan bulchiinsa naannoo jiddugaleessa Itiyoophiyaa obbo Indashaawu Xaasoo dabalatee hooggantoonni olaanoo naannichaa Af-yaa’iicha Buttaajiraatti simataniiru.

Af-yaa’icha dabalatee hooggantoonni olaanoo mana maree federeeshinii fi dhaabbilee itti waamamaa saganticharratti argamaniiru.

Afyaa’ichi sagantaa kana ifatti akka jalqabsiisan beekameera.

Sagantaan kun qaama karoora Godinni baha Guraagee ganna kana biqiltuu miiliyoona 24  dhaabuuf karoorfateeti.

Manni marichaa waggoota darban sagantaa ashaaraa magariisaa, mana dadhabootaa haaromsuu fi sagantaale tola ooltummaa biyyaalessaa naannolee biyyattii addaddaatti raawwachuusaa odeeffannoon mana marii federeeshiniirraa argame nimul’isa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015