Yuunivarsiitiin Bahaar Daar Barattoota kuma 8 l eebbisiisaa jira

Adoolessa 27/2016 (TOI)-Yuunivarsiitiin Bahaar Daar barattoota gosa barmootaa addaddaatiin barsiise kuma 8 ol har’a eebbisiisaa jira.

Miseensa Boordii hooggansa hojii Yuunivarsiitii Bahaar Daar adde Asteer Zawudee dabalatee hooggantoonni olaanoo Yuunivarsiitichaa fi maatiin barattoota eebbifamanii sagantaa eebbaarratti argamaniiru.

Yuunivarsiitichi barattoota gosa barmootaa addaddaan barsiise kuma 8 fi 524 eebisiisaa kan jiru yoo, ta’u digirii jalqabaa fi lammaffaan barattoota kuma 3 fi 708, digirii sadaffaan 82, speeshaaliitii fi Sab speeshaaliitiin doktaroota waldhaansaa 62 akka ta’an himameera.

Akkasumas barattoonni Maariitaayimiin, hooggansaa fi sagantaalee addaddaatiin leenji’anis keessatti argamu.

Barattoota eebbifaman waliigalaa keessaa kuma 3 fi 34 dubartoota akka ta’an beekameera.

Yeroo ammaa yuunivarsiitichi gosa barmootaa addaddaatiin barattoota kuma 28 caalan barsiisaa akka jiru odeeffannoon Yuunivarsiiticharraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015