Af-yaa’iin mana maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar haaromsa mana dadhabootaa magaalaa Buttaajiraatti jalqabsiisan

Adoolessa 27/2016(TOI)- Af-yaa’iin mana maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar haaromsa mana dadhabootaa magaalaa Buttaajiraatti jalqabsiisan.

Kanatti aansuun barattootaaf deeggarsi meeshaalee barmootaa kan taasifamu yoo ta’u biqiltuus nidhaabu.

Af-yaa’ichi magaalaa Buttaajiraa wayita gahan bulchaa bulchiinsa jiddugaleessa Itiyoophiyaa obbo Indaashaawu Xaasoo dabalatee hooggantoonni olaanoo simataniiru.

Af-yaa’ii Aganyoo Tashaagar dabalatee ittaantuun af-yaa’ii mana marichaa adde Zaahiraa Umad,hooggantoonni olaanoo mana maree federeeshinii fi dhaabbileen itti waamamaasaa saganticharratti argamaniiru.

Sagantichi bakka hooggantoonni olaanoo fi hojjettoonni dhaabbilee kanneenii argamanitti ifatti jalqabameera.

Sagantaan biqiltuu dhaabuu qaama godinni guraagee ganna kana dhaabuuf qabatee miiliyoona 24 niraawwatama.

Manni marichaa waggoota darban sagantaa ashaaraa magariisaa gannaa, mana dadhabootaa haaromsuun kennuu fi sagantaaleen tola ooltummaa biyyaalessaa biroo  kutaalee biyyattii addaddaatti raawwachaa turuunsaa ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015