Itiyoophiyaa fi Jaappaan ijaarsa dirree Staartaappotaarratti waliin hojjechuuf waliigalan

Adoolessa 27/2016(TOI)- Ministeerri Innoveeshinii fi Teeknooloojii fi ejensiin tumsa idil addunyaa Jaappaan ijaarsa dirree Staartaappotaarratti waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Pirojektiin waliigaltee kun waggoota sadan dhufan kanhojeeffamu yoo ta’u, tarsiimoo sirna misooma Staartaappii idil addunyaa Waliin walitti hidhuu qopheessuu, Staartaappota horachuu fi biizinasiisaanii biyyoota idil addunyaatti bal’isuun Invastaroota waliin hojjechuu akka danda’an kan akeekamedha.

De’eetaan ministira Innoveeshinii fi Teeknooloojii doktar Baayyisaa Badhaadhaa Staartaapponni oomishaalee haaraa oomishuu fi qabeenyaa uumuun guddina dinagdeerratti gumaacha kan taasisan akka ta’e ibsaniiru.

Waliigalteen irra gahame qormaata Staartaapponta mudaturratti deeggarsa taasisuu fi dirreen hojichaa akka mijatu qooda guddaa akka qabaatu kaasaniiru.

Bakka bu’aan ejensii tumsa idil addunyaa Jaappaan Saatoomee Juun gamasaaniin pirojektichi akka hojeeffamu mootummaan Jaappaan xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

Haala Kanaan Keeniyaa, Taanzaaniyaa fi Itiyoophiyaatti raawwachuuf humna namaa fi bajata ramaduun dhiheenya hojii akka jalqabu ibsaniiru.

Mootummaan Jaappaan guddinaa fi babal’ina Staartaappota Itiyoophiyaaf  karaa ‘JICA’ deeggars addaddaa taasisaa akka jiran eeranii, waliigalteen taasifames deeggarsichi caalaatti humna akka dabalu eeruusaanii odeeffannoon ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojiirraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015