Hooggantoonnii fi Hojjettoonni Baankii Daldala Itiyoophiyaa Biqiltuu Dhaaban

Adoolessa 27/2016(TOI)- Hooggantoonnii fi Hojjettoonni Baankii Daldala Itiyoophiyaa Paarkii industirii Boolee Lammiitti Biqiltuu Dhaabaniiru.

Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin dhaabbiileen addaddaa biqiltuu dhaabaa kan jiran yoo ta’u, hoggantoonnii fi hojjettoonni Baankii daldala Itiyoophiyaa guyyaa har’aa biqiltuu dhaabaniiru.

Sagantaa baranaatiin baankichi jiddugaleessa Finfinneetti qofa biqiltuuwwan nyaataaf oolan, mandhalee fi faayidaa hedduu qaban kuma 50 ol dhaabuuf karoorse hojjechaa akka jiru ibsameera..

Jiddugaleessa Finfinneetii alattis distiriiktota 23 kutaa biyyattii addaddaatti argamanitti biqiltuu akka dhaabu ibsameera.

Sagantaa ashaaraa magariisaa biyyaalessaa bara 2016 biqiltuu biiliyoona 7 tuqaa 5 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015