TOIn odeeffannoo sirrii ummataan gahuun cinaatti sagantaa ashaaraa magariisaarratti qooda fudhachaa jira

Adoolessa 27/2016(TOI)Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa (TOI)n odeeffannoo sirrii ummataan gahuun cinaatti sagantaa ashaaraa magariisaarratti qooda fudhachaa akka jiru Ittaanaa hojii raawwachiisaan tajaajila oduu Itiyoophiyaaobbo Nagaasii Ambaayee ibsan.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa magaalaa Hayiqitti jalqabsiisuunsaanii niyaadatama.

Hooggantoonnii fi ogeeyyonni Paarkii Inxooxxoo biqiltuu dhaabuun ashaaraa magariisaa kaa’aniiru.

Ittaanaan hojii raawwachiisaan Tajaajila Oduu Itiyoophiyyaa obbo Nagaasii Ambaayee wayita kana akka jedhanitti, dhaabbatichi waggoota walitti aananiif biqiltuu dhaabuun ashaaraasaa kaa’aa  har’a gaheera.

Biqiltuun dhaabbatichi dhaabu guutummaatti lafti dafee akka xaa’omu kan taasisuu fi mandhalee akka ta’e ibsaniiru.

Biqiltuu dhaabuun cinaatti sirriitti akka qabatu kunuunsi akka taasifamu dubbataniiru.

Biqiltuun dhaabame akka qabatu fuuladuras kunuunsi akka taasifamu beeksisaniiru.

Hooggantoonnii fi ogeessonni biqiltuu dhaabuurratti hirmaatan gamasaaniin biqiltuun dhaabame akka qabatu kunuunsa akka taasisan dubbataniiru.

Ganna baranaa biqiltuu biiliyoona 7 tuqaa 5 dhaabuuf karoorfamee hojiitti galamuun nibeekama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015