Ganna kana Godina Wallagga Lixaatti biqiltuun Bunaa Dafanii oomisha kennan dhaabamaniiru

Adoolessa 27/2016 (TOI)- Ganna kana Godina Wallagga Lixaatti biqiltuun Bunaa Dafanii oomisha kennanii fi dhukkuba damdamatanbal’inaan dhaabamuusaanii waajjirri qonnaa godinichaa beeksise.

Waajjirichatti dursaan garee Bunaa fi misooma Shaayii obbo Efreem Masfin, Bunni dhaabame jiddugaleessa qorannoo qonnaa Jimmaarraa kan argamee fi yeroo gabaabaatti oomisha kan kennan idha jedhaniiru.

Godnichatti Walakkeessa Caamsaarraa amma xumura Adoolessaatti bunni kan dhaabamu yoo ta’u ganna kanas ummata bal’inaan hirmaachisuun bunni akka dhaabame dubbataniiru.

Walumaa gala bunni lafa heektaara kuma 65 irra kan dhaabame yoo ta’u qonnaan bultoonni kuma 200 akka hirmaatan ibsaniiru.

Biqiltuun bunaa buufata biqiltuu dhuunfaa fi mootummaa kuma 3 fi426 irratti akka qophaa’an dubbataniiru.

Biqiltuun Bunaa barana dhaabaman uwwisa bunaa godinichaa gara lafa heektaara kuma 620tti kan guddisu ta’uu eraniiru.

Qoonnaan bulaan aanaa Laaloo Assaabii Haabtee Gaarumaa, barana biqiltuu buna sanyii filatamaa kuma 2 caalu dhaabuusaanii dubbataniiru.

Biqiltuun bunaa dhaaban qorannoon kan mirkanaa’anii fi yeroo gbaabaatti firii kan kennan akkasumas  dhukkuba kan damdamatan akka ta’e ogeeyyota qonnaarraa hubannoo argachuusaanii ibsaniiru.

Qonnaan bulaa aanaa Gimbii Taakkalaa Fiqruu gamasaaniin gorsa ogeessotaa fudhachuun lafa heektaara kurmaanarra buna dhaabuusaanii dubbataniiru.

Waggaa waggaatti biqiltuu Bunaa haaraa dhaabuurratti muuxannoo akka qaban qonnaan bulaan kun dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015