Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa sagantaa qamadii walitti qabuu Godina Boorana Bahaatti Jalqabsiisan

Adoolessa 27/2016(TOI)- Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa sagantaa qamadii kilastaraan misoome walitti qabuu Godina Boorana Bahaatti Jalqabsiisan.

Googgantoonni olaanoo naannichaa fi federaalaa sagantaa jalqabsiisa kanarratti argamaniiru.

Obbo Shimallis Abdiisaa sagantaa walitti qabuu qamadii kilaastaraan godina Boorana Bahaa aanaa Liiban ganda Mi’eessootti heektaara kuma 7 caalurratti misoomedha kan jalqabsiisan.

Godinichatti Qamadiin heektaara kuma 71 irratti kilaastaraan kan misoome yoo ta’u midhaan kuntaala miiliyoona 1 tuqaa 5 akka abdatamu sagantaa jalqabiisaa kanarratti ibsameera.

Oomishni kun kombaayinaroota hedduun walitti qabamaa kan jiru yoo ta’u, kun ammoo midhaan bokkaa yeroo maleetiin osoo hin miidhamne walitti qabuuf akka dandeessisu eeraniiru.

Godinichi Kanaan dura beelladaan kan beekamu yoo ta’u, waggoota dhihoon asitti oomisha midhaanii ammayyaa hojeeffamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015