Geejjibnii Galaanaa fi Loojistiiksiin Itiyoophiyaa lammiilee Godina Goofaatti lafti sigigaatee miidhaan irra gahe maallaqaan deeggare

Adoolessa 27/2016(TOI)- Geejjibnii Galaanaa fi Loojistiiksiin Itiyoophiyaa lammiilee Godina Goofaatti aanaa Goofaa Gzeetti lafti sigigaatee miidhaan irra gahe birrii miiliyoona 6 tuqaa 9 deeggare.

 Hojii raawwachiisaan olaanaa Geejjiba Galaanaa fi Loojistiiksii Itiyoophiyaa doktar Bariisoo Amaloo hojjettoonnii fi hooggantoonni dhaabbatichaa taatee uumametti guddaa gadduusaanii dubbataniiru.

Hojjettoonnii fi hooggantoonni dhaabbatichaa miidhamtoota cinaa dhaabbachuusaanii agarsiisuuf maallaqa deeggaruusaanii dubbataniiru.

Haala Kanaan dhaabbatichi Birrii miiliyoona 5, hoogganaa fi hojjettoonni dhaabbatichaa ammoo Birrii miiliyoona 1 fi kuma 912 caalu buusuun walumaa gala birrii miiliyoona 6 fi 912 caalu deggaruusaanii ibsaniiru.

Caasaan mootummaa naannichaa sadarkaan jiruu fi hawaasni naannichaa tumsii fi gumaachi  lubbuu baraaruuf taasisan kan jajamu ta’uus dubbataniiru.

Dhaabbatichi deeggarsa kana fuulduras akka ittifufu ibsanii, maatii namoota lubbuusaanii dhabaniif jajjabina hawwaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015